Qabsoo Oromoo fi Siyaasa Oromiyaa

Mangistuu Asaffaa Daadhii tiin

Dhalli namaa jiruu hawaasummaa erga eegalee jalqabee qindaa’inaan qabsoo jireenyaa geggeessuun ni ture. Qabsoon bifa adda addaa qaba. Jiruudhaan itti fufuuf diina ficcisuun amaluma uumaati (survival instinct). Jiruun hawaasaa ammoo fedhii fi qabeenya walitti nama buusaniin (bones of contention) kan guutameedha. Isaanis, qabeenya fi aangoo siyaasaa dabalatee waan baayyee dha. Qabsoon diddaa garbummaa, qabsoon eegumsa daangaa fi abbaa biyyummaatis caqafamuu danda’a. Sabni hunduu kana keessa darba, kana keessa jiraata. Qabsoon haala qindaa’een taasifamu of eeggannoo fi toftaa cimaa ta’een gaggeeffamuun isaa firii isaa murteessuu irratti shoora guddaa qaba.

Akkuma qabsoowwan saboota fi biyyoota baay’ee seenaan qabsoo Oromoos kan waggaa baayyeeti. Bifa adda addaan, namoota bara adda addaan, ilaalcha fi beekumsa adda addaa qabaniin dhalatee, tikfamee, gatii qaaliin itti kafalamee guddatee har’a gahe. Seenaan akkuma himu qabsoon hin dhaabatu. Sabni qabsoo dhaabu hin jiraatu. Jiruun qabsoo guyyaa guyyaati waan ta’eef. Garuu qabsoon bifa jijjiirata, tooftaa haaraa mijeeffata. Qabsoo farra gabrummaa, qabsoo mirga ofii eegsifachuu, qabsoo hiree dinagdee qixa itti fayyadamuuf godhamu, qabsoo siyaasa bilchaataa keessatti qooda fudhachuuf godhamu, qabsoo farra hiyyummaa fi doofummaa, dorgommiin (competition) dinagdee, saayinsii fi teeknoolojii addunyaa faana deemuf dirree beekumsaa irratti godhamu illee akka bifa qabsoo jiruu hawaasaatti fudhachuun ni danda’amu. Walumaa galatti Qabsoon hin dhaabatu, bifuma jijjiirata.

Qabsoon Oromoos erga Oromoon akka sabaatti jiraatuu eegalee kaasee qabsoon isaa haaluma walfakkaatuun qindaa’ina sadarkaa adda addaa keessa darbuun isaa hin oolle.

Waggoota shantamman darban keessatti garuu kaayyoon qabsoo saba Oromoo garbummaa ofirraa kaasuun hiree biyya Itiyoophiyaa keessatti seenaa fi siyaasaan qabu sadarkaa guddaa irraan gahuu kaayyeffatee finiinaa ture. Qabsoon kun yeroon itti Oromiyaan akka biyyaatti fottoquun akka kaayyoo guddaatti ka’aa turee (har’as akka hin jirre jala muree dubbachuu hindanda’u) eegalee har’a haga paartiin Oromoo biyyattii Itiyoophiyaa hogganuutti gaheera. Adeemsa dheeraa kana keessatti siyaasa ficcisuu irraa gara bulchiinsaatti dabarrus har’as tokkummaan Oromoo haala barbaachisuun galma gaheera jechuun hin danda’amu. Itti fayyadamni siyaasdinagdee firii qabsoo keenyaas guutummaatti hirmaanneerra jedhanii afaan guutatanii dubbachuun nama dhiba.

Seenaa Qabsoo Oromoos isuma yeroo dhiyoo yoo ilaaluuf yaalle wantoota armaan gadii kana hubachuun ni danda’ama.

(Barruu kana keessatti haala walitti dhufeenya abbootii siyaasaa Oromiyaa qofa irratti kanan xiyyeefadhe ta’uu hubachiisa)

Waggoota dheeraaf Oromoon siyaasa Itiyoophiyaa keessatti fincila Farra Cunqursaa fi tiksa aadaa, seenaa fi duudhaa isaa irratti hirmaatee ture. Yeroo keenya baayyes kanarratti dabarsine. Cunqurfamaa jiraachuun jiruu miti waan ta’eef.

Gaaffiilee guguddaa fi deebilee sirnaan argachuu qabu jedhee kan yaadu

Qabsoo kana eenyutu eegale? Akkamitti eegalan? Maal kaayyeffatan? Tarsiimoon, kaayyoon fi mul’anni isaanii maali? Bu’aan qabsoo sanaa maal ture? Firii isaa eenyutu qooddate? Fuulduree qabsop kanaaf hoo furmaata fi yaada qabsoo waaraa irratti akkamiin hojjetamaa jira (What are the prospects, trends and roadmaps being built for sustainable enrichment and fostering the advance OROMO cause)?

Gaaffiwwan kanaaf deebiin kennaman haala nama gaddisiuuun Saba Oromoo biratti haala qindaa’aa ta’een kennamuufi faayidaa qabsoo itti aanuuf akka oolutti kennamuu dhabuu irraa kan ka’e walitti bu’iinsa, waldhabdee fi aal tokko tokko ammoo mormii bu’aa hinqabnee uumuu bira dabree gatii qaalii nu kafalcbiisaa jira. Jibba walirratti akka kuufannu nu taasisa. Wantin Ji’a kana taateewwan Oromiyaa Dhihaatti uumamaniin walqabatee arges kanuma naaf mirkaneesse. Yeroo Qabsoon keenya bifa jijjiirataa jirutti, yeroo haala mijataa tarsiimoo qabsoo itti aanuuf of qopheessuu qabnutti lolli, maqaa wal balleessuun, arrabsoo fi irra darbee ammoo lubbuun namootaa obbola’a isaan dabartee reeffi isaa gubatu argine. Haalonni fi taateewwan akkasii kanaan duras akka ture ni beekna. Namootumti Oromoo fedha diinaa ykn ofittummaa isaaniitiin yeroon isaan dhaaba siyaasaafi ilaalcha isaaniitiin Oromummaa dhiisanii walitti bu’an, wal ajjeesan fi diinummaa wal irratti horuu bira darbanii qabsoo saba kanaa quucarsan seenaa keessa tureera. Baayyee nama gaddisiisa. Gatiin kanaan dura yeroo diinaan lollu baafne gumaan isaa bilisummaa fi badhaadhina dhaloota hafeeti. Kan nuti bakka adda addaatti wal ajjeesaa fi maqaa walballeessaa jirru kun garuu gumaansaa maal akka ta’e naaf hin galu. Kan dhiyoo kana Dhiha Oromiyaatti ta’e sunis haaluma sanaan nama dhiba.

Itti Gaaffatamaan Eenyu?

Akka waliigalaatti balleessaan kanaa warruma qabsoo Oromoo geggeessina jedhuu dha. Hunda isaanii, hunda keenya.

Paartiin Oromoo amma biyya bulchaa jiru DHDUOs ta’ee kanneen biraa, xiinxaltoota fi yaadan-geggeessitootni Oromoo hunduu itti gaafatamoodha.

Maaliif?

1. Gaggeessummaan qabsoo uummataa fedha dhaaba siyaasaa, kan dhuunfaa fi fudhatama argachuu fi dhabuu irra darba. Abbummaa qabsoo fi tarkaanfii gatii nama kafalchiisu fudhachuun kan uummataati. Abbaan qabsoo uummata. Kan gatii baasus uummata. Gaggeessaan qabsoo (dhaaba siyaasaas ta’ee dhuunfaan yaadan kan hogganan (opinion leaders)) fedha qabsoo fi xiiqii uummataa qindeessuun tajaajiluu dha malee abbummaa fi maqaa itti horachuun aad-maleedha, madda ka’umsa rakkootis. Kuni jala muramee hubatamuu qaba. Wanti seenaa qabsoo Oromoo fi siyaasa Oromiyaa keessatti mul’atu garuu sana hin fakkaatu. Abbaa irrummaa, yaad-dhaadhessummaa fi siyaasa maqaa walballeessuufi jibbaatu uummata keessati faca’aa oola. Kana DhDUOnis, dhaabni biraas akkasumas namoonni beekamoon yeroo raawwatan argineerra. Firiinsaa ammoo qabsoo keenya quucarse. Karaa fagoo deemuu otoo dandeenyuu wal takaallee kuffisne, kanaanis uummanni keenya gatii baase. Badii kana kan haalu yoo jiraate inni sobduudha.

Walumaa galatti, dhaabbileen siyaasas ta’ee namoonni dhuunfadhaan qabsoo Oromoo irratti hirmaatu, garaagarummaa yaadaa bira dabranii kaayyoo waliinii isa tokko (common purpose) ta’e irratti hojjechuudhan walqabatee hir’ina cimaatu mul’ate.

Kana haalun dhukkuba siyaasaa amma nu rakkisaa jiru kanaaf furmaata fiduun kan nu rakkisu ta’a.

Wanti jala muramee hubatamuu qabu garuu uummanni keenya duris ta’ee amma hoggansa al-idileetiin (without formal party struggle or machine), bilisummaa isaa karaa boonsaa ta’een gonfachuu danda’uusaati. Firiin isaa ammoo DhDUO hamma tokkon bilisa ni baase. Dhaabbileen biroo keenya illee dirree bal’aa fi lafa siyaasaa mijaturratti akka socho’aniif karaa kan baase qabsoo Qeerroon fi Qarreen harka duwwaa qawwee diinaa dura dhaabatanii taasisaniin mirkanaa’aa jira.

Shoorri uummanni keenya taphate hammaa oli, gatiin isaan itti kafalanis akkasuma. Firii kanarratti anatu fide anatu fide jedhanii dhaadachuun salphina. Tokko dhaaba uummataa, kan biraa ammoo aantummaa uummataa kan hinqabne jedhanii wal mormuunis qarooma miti.Seenanis ta’ee duudhaan keenya kanaaf iddoo hinqbu. Seenaa dhaabbilee siyaasaa Oromoo ni beekna. Har’a wanti jijjiirame yoo jiraate qabsoo uummata Oromootiin dhaabbileen kunneen amala fi bifa jijjiirachuu, akkasumas tooftaa qabsoo geeddaratanii dirree aiyaasaa bal’aa argachuuf carraa argachuu isaaniiti.

2. Hanqina Adeemsa Qabsoo Qindaa’aa.

Akkuma beekamu dhaabbileen siyaasaa maqaa keenyaan dhaabatan kudhanii oli. Kaayyoon isaanis tokko. Faayidaa siyaasdinagdee Oromoo kabajsiisuu kan jedhu. Asirratti wanti hubachuu barbaachisu, garaagarummaan ilaalcha siyaasaa mataa isaatin eebba, waanuma uumaati.

Garaagarummaan ilaalchaa ammoo wanta addunyaa kana irra jiru mara caalaa hubannaa fi ogummaa bulchiinsaa nama gaafata. Gama qindaa’anii hojjechuutiin hanqina guddaatu dhaabilee fi hayyoota keenya gidduu jira. Qindaa’inaan hojjechuun kora dhaabbilee fi jaallewwan dhuunfaan ogummaa, kennaa fi fedha siyaasdinagdee keenya irratti hojjetan gidduutti uumuun waan seenaan nu gorsuudha. Duudhaa keenyaanis kanatu seera.

Yeroo kana DhDUOn biyya bulchaa jira. Paartiileen biroo kan akka KFO ammoo of jajjabeessaa jiru. Kan akka ADO, ABO Tokkoomee ammoo waamicha mootummaan taasiseef fudhachuun gara biyyaatti dhufanii uummata isaanii keessa ta’anii qabsaa’uuf jiru. Kan haala kana hordofan kan biroos jiru, Fkn ABO inni Jaal Daawud Ibsaan hogganamu dhiyootti biyya biraatti jila mootummaa Itiyoophiyaa waliin mari’achuufi. Kan biyya keessa taa’anii qabsoo isaanii cimsuuf jedhanis jiru.

Asirratti waa lama haa hubannu.

A. Inni jalqabaa kaayyoon isaanii Oromoo bilisoome, badhaadhe fi qaroome arguu akka ta’e hubachuu yoo ta’u

B. Lammaffaan ammoo ilaalchi siyaasaa, tarsiimoon qabsoo fi adeemsi dhaabbilee kanneenii (ykn kan isa tokkoo) yeroo hunda sirrii (absolutely perfect) kan uummanni Oromoo akka barruu fi barsiisa qulqulluutti fudhachuun irra jiru ta’uu dhabuu isaati. Ana malee badii (my way or the high way) dhaabni jedhu, kanarraa ka’ee dhaaba biraas haal-malee kan qeequ, miseensota fi deeggartoota kan quucarsu fi naasisu taanan inni dhaaba abbaa irreeti. Kuni DhDUO ni dabalata. Dhaabumti qofummaadhaan kophaa isaa fedhii Oromoo nan kabajsiisa jedhu inni gowwaa yookin diina qabsoo Oromoo ti.

Kanaafuu wanti isaan baasu fi kan uummata fayyadu, filannoo gandaalee fi biyyoolessaa waggoota lamaan dhufan keessatti hirmaachuufi humna fi hamilee Oromoo akkasumas fedhii saba Oromoo dagaagsanii dirree siyaasa biyyattii keessatti hirmaachuuf yaada isaanii gidduutti fidanii mari’achuu fi garaagarummaa dhiphisuun hirmaachuu qabu. Kun akka milkaa’uuf ammoo tarsiimoo siyaasa isaanii maqaa dhaaba tokkoo balleessuu otoo hin ta’in kan faayidaa ummataa eegsisu godhachuun amanamummaa ummataa dilbeeffachuun dirqama dhaabbilee kanneeniiti.

Guduunfaa

Qabsoon keenya walxaxaa, kaayyoon tokko. Ilaalchi siyaasdinagdee keenya baay’atus eenyummaan keenya tokko, Oromummaadha. Dhaabbileen siyaasaa keenya baay’atanis abbaan dhimmaa qabsoo keenyaa tokko, Saba Oromoo bal’aadha. Tarsiimoon qabsoo Oromoo fi adeemsi keenya gargar ta’us dacheen nuti badhaasuuf dhamaanu tokkuma, Oromiyaa.

Kanaafuu dhaabbileen Oromiyaa bakka bu’an fi namoonni siyaasa Oromiyaan yaadan fi dhaaban geggeessitan (opinion and organizational leaders of Oromia), sodaa fi wal amantii dhabuu balleessuudhan dhimma fedhii Oromiyaa sarara duraa irra kaa’uun garaagarummaa ilaalchaa fi tarsiimoo siyaasaa keessan dhiphisuun dirree siyaasaa keenya fiigicha gara guddina dinagdee, badhaadhina aadaa fi duudhaa akkasumas guddina seenaa Oromoof akka gootan waamicha obbolummaa koon dabarsa.

“Silaa mana tokko ijaaruu, maaf cutaa wal saamu” jedha Oromoon.

Na oofkalchaa.

Yaada fi qeeqaf Fuula Facebook irratti Mengistu D. Assefa irratti

Toora meeylii servezking@gmail.com

Advertisements

ምላሽ ይስጡ

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.